Arara Tv World Wide

Arara Tv World Wide

Share

Arara Tv World Wide For its age, it was just six (6) years ago that Global Mercy of God Church was planted. Praise the Lord! However, one thing is very true.

ABOUT US
Global Mercy of God Church is a church planted in Nekemte town, East Wollega Zone, Ethiopia with vision by the man of God prophet Meseret Taye, in 2013. However, as the founder, visionary and manager of the church, man of God prophet Mesert Taye had been laboring a lot and praying diligently about the manifestation of the power of God and his ministerial call for a long time, the services

Photos from Arara Tv World Wide's post 13/08/2026

Tajaajila_Sagantaa_Roobii___Wednesday_Program_Service
..........MAQAAN YESUUS IN OOLCHA........
Yeroo sanatti faarfannaan kanatti fufee jiru biyya Yihudaa keessatti in faarfatama, “Nuyi mandara jabduu qabna, Waaqayyo nu oolchuudhaaf kellaa fi masaraa itti nuuf ijaare; sabni qajeelaanii fi amanamaan akka ol galutti, karroota dallaa ishee banaa! Isa garaan isaa cimsee si amanatu, sababii inni sitti of kennatuuf ati nagaa guutuudhaan in eegda; ”
Isaayaas 26:1-3
o Sooreessoonni addunyaa kana yeroo rakkinni dhufu ittiin ooluudhaaf mandara jabaa ijaarratu.
o Kaanimmoo bara dhumaa jalaa oolla jedhanii, lafa jalatti addunyaa isaanii ijaarrataa jiranis jiru. Beekaa fakkaatu garuu gowwaadha.
o Waaqnii fi lafti fuulaa Waaqayyoo duraa akka Waraqataatti dacha'a. Waan isaan itti dadhabanimmoo bubbee jabaa tokko jalaa hin oolu. Jabaan jabina isaan, beekaan beekumsa isaan ooluu hin danda'u. Mandarri jabaan keenya isa harki namaa ijaare miti.
Maqaan Waaqayyoo gimbii jabaa dha, namni qajeelaan gara isaatti baqatee in oola. Fakkeenya 18:10
o Manadarri jabaan nuti qabnu maqaa Waaqayyooti.
Uumamni bifaan xixinnoo ta'anii, baay'ee immoo ogeeyyii ta'an afurtu lafa irra jira; mixiin uumama dadhabduu dha, garuu nyaata ishee bona walitti in qabatti; osoleenis uumama humna hin qabnee dha, garuu kattaa keessatti in galti;
Fakkeenya 30:24-26
o Osoleen uumama dadhabduudha, garuu kattaatti galti. Yeroo dhakaan itti darbatamu kattaa sana keessa dhokattee oolti.
Gowwoonni garaa isaaniitti, “Waaqayyo hin jiru” in jedhu; isaan amalli isaanii manca'aa dha, wanta ciiggaasisaa in hojjetu, namni waan gaarii godhu tokko illee hin jiru. Ogeessonni Waaqayyoon barbaadan, yoo jiraatan arguudhaaf, Waaqayyo bantii waaqaa keessaa, ilmaan namootaa gad in ilaala; Faarfannaa 14:1-2
o Warri beekna jedhan Waaqayyotti dugda gataniiru. Nuti warri dhadhaboonni isatti baqannee oolleerra.
o Maqaan Yesuus nuuf kattaa jabaadha.
“Guyyaan koo inni guddaanii fi sodaachisaan sun utuu hin dhufin dura, aduun dukkanatti, jiinis dhiigatti in diddiiramu. Maqaa Waaqayyoo warri waammatan hundinuu garuu in oolu; akkuma ani Waaqayyo jedhee ture, warri ani waame tulluu Xiyoon irratti, Yerusaalem keessattis hafanii in fayyu” jedhe. Yo'el 2:31-32


Waaqayyo, kiyyoo namni siif kaa'e, dha'icha nama balleessu irraas si oolcha; harka isaatiin si golbooba, bobaa isaa jalatti kooluu in galta, amanamummaan isaa gaachanaa fi marsaa siif in ta'a. Wanti halkan nama sodaachisu, xiyyi guyyaa namatti gad dhiifamus si hin sodaachisin! Dha'icha dukkanaan namatti dhufu, dhukkuba adeemaa saafaa nama balleessus hin sodaatin! Kumni tokko si bukkeetti kumni kudhanis gara mirga keetti yoo kufan iyyuu, wanti namatti dhufu kun sitti hin dhi'aatu;
Faarfannaa 91:3-7
o Daani'eel Yeroo boolla Leencaa Keessa buufame mootiin halkan sireessarratti hiribni qabuu dide, dhiphataa bulee dhaqee akka Waaqayyo isa oolche gaafate.

o Kana irratti mootichi abboomnaan Daani'elin fidanii boolla leencotaa keessa in buusan; mootichis Daani'eliin, “Waaqayyo kee inni ati ittuma fuftee waaqessitu si haa oolchu!” jedhe. Dhagaan tokkos fidamee afaan boollichaa irra kaa'amee, waa'ee Daani'eliif wanti tokko illee akka hin geddaramnettis, mootichi mallattoo ofii isaatiin mallattoo gurguddoota isaatiinis dhagicha irratti in mallateesse. Kana booddee mootichi gara mana mootummaa isaatti in deebi'e, halkan sanas nyaanni, wanti biraa kan isa dagachiisus itti hin dhi'aanne, hirribnis ija isaa irraa in baqate. Ganama akkuma lafti bari'een mootichi ka'ee ariitiidhaan gara boolla leencotaa dhaqe; gara boollicha isa Daani'el keessa turetti yommuu dhi'aate immoo, sagalee yaaddootiin, “Yaa Daani'el, hojjetaa Waaqayyo jiraataa, Waaqayyo kee inni ati ittuma fuftee waaqessitu, afaan leencotaa keessaa si oolchuu danda'eeraa?” jedhee guddisee gaafate. Daani'el immoo deebisee mootichaan, “Yaa mootii, bara baraan jiraadhu! Waaqayyo koo ergamaa isaa ergee afaan leencotaa cufsiise, kanaaf isaan ana hin miine; anoo isa duratti mudaa malee nan argame, si durattis yaa mootii, dabaa hin hojjenne” jedhe. Ooluu isaatiif mootichi baay'ee gammadee, Daani'el boollicha keessaa akka ol baafamu abboome; kana irratti Daani'el boollicha keessaa ol baafame; Waaqayyo isaa amanatee waan tureefis, miidhamni tokko illee isa irratti hin argamne. Mootichi abboomnaan warra Daani'elin hamatan sana fidanii, dubartoota isaanii fi ijoollee isaanii wajjin boolla leencotaa keessa bubbuusan; garuu utuma isaan boollicha keessaa lafa hin ga'in leenconni qolatanii lafee isaanii caccabsan. Kana booddee Daariyos mootichi warra guutummaa lafaa irra jiraatan, warra saba garaa garaa, warra gosa garaa garaa, warra afaan garaa garaa dubbatan hundumaaf caafee, “Nagaan isiniif haa baay'atu! Kunoo, ani abboommii baaseera, namni guutummaa mootummaa koo keessa jiru Waaqayyo isa kan Daani'el haa sodaatu; isa durattis haa hollatu! Inni Waaqayyo jiraataa dha, bara baraan dhaabataa dha; mootummaan isaa matumaa hin balleeffamu, barri mo'icha isaas dhuma hin qabu. Inni in oolcha, in hoofkalchas; inni bantii waaqaa keessatti, lafa irrattis, milikkitoota in argisiisa, dinqiiwwan in hojjeta; Daani'elin harka leencotaa keessaa inni oolche isa!” jedhe. Daani'el 6:16-27

13/08/2026

Jaalala haalarraatti hin hundoofne | Prophet MeseretTaye |

13/08/2026

Fayyina Ajaa'ibsiisaa | Prophet MeseretTaye |

12/08/2026

🔴 LIVE | WEDNESDAY SERVICE |( August 12 ,2026 ) Prophet Meserat Taye || ‪‬

12/08/2026

Tamsaasa Kallattii Karaa ZOOM
Waldaa Kiristiyaana Araara Waaqayyo Addunyaatii Sagantaan guyyaa Roobii kallattiidhaan waan darbaa jiruuf karaa ZOOM daawwachuu dandeessu.
⚠️Hub. Yeroo nu daawwattan viidyoo keessan banachuu hin irraanfatinaa.
JOIN ON ZOOM SERVICE
ZOOM ID: 3338921009
PASSWORD: arara@2024
የቀጥታ ስርጭት በZOOM
አራራ ዋቃዮ አዱኛ ቤተክርስቲያን የረቡዕ አገልግሎት በቀጥታ እየተሰራጨ ስለሆነ በ ZOOM መመልከት ትችላላችሁ።
⚠️ማስታወሻ፡- ሲከታተሉ ቪዲዮዎን መክፈት አይዘንጉ።
Live Broadcast Via ZOOM
The Global Mercy of God Church Wednesday service is being broadcasting live and you can follow us on it now.
⚠️Note: Please, don’t forget to “On” your zoom camera as you watch

11/08/2026

Maatiikoo Dhiiseen Biyyaa Bade | Dargaggoo Ogeeyyii || Prophet MeseretTaye |

11/08/2026

Ergaan siif qaba har'a | Prophet MeseretTaye |

10/08/2026

Maaltu Isaaf Dadhabama | Prophet MeseretTaye |

Photos from Arara Tv World Wide's post 10/08/2026

Tajaajila_Sagantaa_Dilbataa___Sunday_Program_Service
👉 Bartuun tokko barsiisaa isaa hin caalu yoo ta’e akka barsiisaa isaa ta’uun dirqama.
👉 Namni lafa oolu fakkaata
📖 Luq 6:40 Bartuun tokko barsiisaa isaa hin caalu; yoo ta'e illee guutummaatti erga barsiifamee, akka barsiisaa isaa ta'a.
👆 Amalli gadheen yoo nama dhaale akkuma macaafni qulqulluun "Hiriyaan gadheen amala gaarii mancaasa" jedhu amala namaa mancaasa.
📖 1QOR 15:33 Hin gowwoominaa! "Hiriyaa gadheen amala gaarii in mancaasa".
👉Akkasuma amallii fi jireenyi gaariinis namummaa namaa irrattis dhiibbaa geessisa
👉 Namni kiristoos Yesuus wajjin gaafa jiraatu utuu hin jaallatin amalliifi jireenyi kiristoos isa dhaala.
👉 Pheexiroosii fi Yohaannis gaafa isaan barsiisan namoonni akka isaan barsiisaa fi beekumsa hin qabne, dacha galiilaaati akka isaan qurxummii qabaa turan beekuuyuu ogummaa akkasi eessaa fidan jennaan, yesuusii wajjin akka turan isaaniif gale
📖 HoE 4: 13 Warri yaa'ii sanaas Phexrosii fi Yohannis ija jabinaan akka dubbatan yommuu caqasan, barumsa dheeraa akka hin qabne, kan hin beekamnes akka ta'an hubatanii, in dinqifatan; haa ta'u iyyuu malee, jarreen kun YESUSII wajjin akka turan isaaniif gale.
👉 Wallaalaan gooftaa wajjin oolu beeka ta’a, dadhabaan isaa wajjin oolu jabaa ta’a.
👉 Cubbamaan isaa wajjin oolu qulqulluu ta’a. Bakkeen nuti keessaa dhufne bakkee jibbaa, xuraa’ummaafi halalummaan guutedha. Gara gooftaa gaafa dhufnu garuu sana hundumaa gannee jireenya gooftaa fudhanne.
📖 Tiitoo 3:3 Nuyis takka wallaalota, warra hin abboomamne, warra karaa irraa goran, garba kajeellaa fi hawwa garaa garaa isa foon gammachiisu, warra guyyoota keenya hamminaa fi hinaaffaadhaan dabarsine, namoota biratti jibbamne, walii keenyas jibbaa turree dha.
👉 Macaafni kun macaafota jaatami ja’a of keessaa qaba; jireenyi keenya garuu 67ffaa ta’uu qaba.
👉 Akkuma dubbiin waaqayyoo ergaa phaawuloos inni warra Qoronxoosiif caafe irratti, "Isin caaffata kiristoos isa dubbifamudha" jedhu, namoonni hundumtuu kan dubbisan caafanni kiristoos jireenya amantootaati.
📖 1Qor 3:2-3 Caaffanni keenya inni nuuf dubbatu, inni namni hundinuu akka beekuuf akka dubbisuuf garaa keenyatti caafame, isinuma*. Isin caaffata KIRISTOS warra nuyi hojjennuuf ta'uun keessan beekamaa dha; caaffatichis qalamiidhaan utuu hin ta'in hafuura WAAQAYYO isa jiraataatiin, gabatee dhagaattis utuu hin ta'in garaa namaatti caafame.
=====JIREENYA KIRISTOOSIIN FUDHACHUU=====
👉 Kiristoos barsiisaa afaanii duwwaa utuu hin taane barsiisaa jireenyaa ture.
👉 B arsiisaa jireenyaatu hin jiru malee barsiisaan afaanii baay’eedha.
👉Kiristoos garuu akka isa irraa barannuufi akka jireenya isaa dhaalluuf barsiisaa jireenyaa nuuf ta’eera.
👆 Kanaafuu, "Jireenya gooftaa irraa maal fudhanna?" kan jedhu itti fufnee ilaalla.
⓵. GAD OF DEEBISUU
👉 Gooftaan, 'Barsiisaa, gooftaas' jettanii na waamtu, isin akkuma jettan iyyuu ani isa. Ani barsiisaan keessanii fi gooftaan keessan ergan miilla isiniif dhiqee, isin immoo miilla walii walii keessaniif dhiquun isiniif in ta'a. (Joh 13:13-14)
👉 Kiristoos Yesuus gaafa dhufe akka gooftummaa qabutti gooftummaa argisiisuudhaan mul’ate utuu hin taane garaa garbichummaatiin mul’ate.
👉 Nama hojjechiifachuudhaan mul’ate utuu hin taane namaaf hojjechuudhaan mulate
👉 Mootummaa Waaqayyoo keessatti namni nama caalu isa nama hojjechiifatu utuu hin taane isa namaaf hojjetuudha.
👉Tajaajilli Yesuus kiristoos tajaajila gooftummaa namatti argisiisu utuu hin taane “Servant Leadership” ture.
👉 Isin gidduutti akkas hin ta'u; eenyu illee isin keessatti guddaa ta'uu kan barbaadu, hojjetaa keessan ta'uutu isa irra jira. Eenyu illee isin keessaa dura ta'uu kan barbaadu, garbicha isiniif ta'uutu isa irra jira. Ilmi namaas akkasuma hojjechiifachuudhaaf hin dhufne, namootaaf hojjechuu fi, lubbuu isaa furii namoota baay'eedhaaf kennuuf dhufe malee" jedhe. (Mat 20:26-28)
👉 Bartuun barsiisaa isaarraa baratu isa barsiisaan isaa godhe gochuun dirqamadha. Jireenyi Kiristaanummaa oftuulummaa utuu hin taane garaa cabaafi qullaa’aadhaan isa duukaa bu’uuf isaaf hojjechuudha.

👉Gooftaan Waaqaaf lafaa fi Barsiisaa ta’ee utuu jiruu miila bartootaa dhiqe Nus akkasuma isarraa kan baranne hafuura tajaajiluun namootaaf hojjechuun dirqama keenya.

❷.GARRAAMUMMAA
👉Garraamii jechuun gowwaa jechuu miti. Gowwaan isa waa hin beeknedha. Garraamiin garuu isa beekaa dhiisudha.
👉 Yesuus ani garraamiidha anarraa baraa jedhe. Gooftaarraa haxxummaa barra utuu hin taane garraamummaa barra, haxxuumaan kan seexanaati garrraamummaan garuu kan gooftaati.
📖 Mat 11:29 Waanjoo koo fuudhaatii baadhaa, ana irraas baraa; anoo garraamii dha kanan gad of deebises; boqonnaas lubbuu keessaniif in argattu.
👉Macaafni qulqulluun garraamonni lafa dhaalu.
📖 Mat 5:5 Warri garraamiin haa gammadan, isaan biyya isa abdachiifame in argatu.
🌎 Biyyattiin isheen haaraan sun kan garraamotaati malee kan haxxootaa miti.
👉Haxxummaan kan ilmaan dukkanaati, garraamummaan kan ilmaan ifaati.
📖Qol 3:12 Isin warra fo'aman, warra WAAQAYYOOF qulqullaa'an, warra jaallatamanis erga taatanii, araara garaa keessaa dhufu, gaarummaa, gad of deebisuu, garraamummaa obsas akka uffataatti uffadhaatii keessa jiraadhaa.

⓷. JAALALA
👉 Burqaan jaalalaa Waaqayyo mataa isaati.
👉 Waaqayyo tokkicha ilmasaa amma kennutti, biyya lafaa jaallate.
📖 Yoh 3:16 WAAQAYYO, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti.zq
👉Ilmis jaalala guddaa irraa kan ka’e lubbuu isaa dabarsee nuuf kenne.
👉 Jaalalli maal akka ta’e lubbuu isaa nuuf kennuudhaan nutti argisiise.
📖 1Yoh 4:10 Nuyi WAAQAYYOON hin jaallanne; inni garuu nu jaallate, ilma isaas cubbuu keenyaaf furee haa ta'uuf nuuf erge. Jaalala jechuun isa kana.
👉 Nuyi bartoonni isaa ykn duuka buutonni isaammoo jaalala Waaqayyoo kan hirmaachuudhaan isa fakkaachuu qabna.
👉 Namni jaalala qabu bartuu isaati.

📖Yoh 13:34-35 Akka isin wal jaallattaniif abboommii haaraa isiniif nan kenna; ani akkuman isin jaalladhe, isinis immoo akka wal jaallattan isin abboomeera*. Jaalala yoo waliif qabaattan, kanaan namoonni hundinuu akka isin bartoota koo taatan in beeku" jedhe.

=====English translation====
👉 If a disciple is not greater than his teacher, it is mandatory for him to become like his teacher.
👉 A person is known by the company they keep.
📖 Luke 6:40 "A disciple is not above his teacher, but everyone who is perfectly trained will be like his teacher."
👆 Just as bad character infects a person—as the Holy Scripture says, "Evil company corrupts good habits"—it ruins a person's character.
📖 1 Corinthians 15:33 Do not be deceived: "Evil company corrupts good habits."
👉 Likewise, good character and a good lifestyle also have an impact on a person's identity.
👉 When a person lives with Christ Jesus, even without trying, they inherit the character and life of Christ.
👉 When Peter and John were teaching, people realized that although they were uneducated and untrained men from Galilee who were known to be fishermen, they wondered where they got such wisdom, and it became clear to them that they had been with Jesus.
📖 Acts 4:13 Now when they saw the boldness of Peter and John, and perceived that they were uneducated and untrained men, they marveled. And they realized that they had been with Jesus.
👉 The ignorant person who spends time with the Lord becomes knowledgeable; the weak person who spends time with Him becomes strong.
👉 The sinner who spends time with Him becomes holy. The place we came from is a place filled with hatred, uncleanness, and immorality. But when we come to the Lord, we renounce all of that and accept the life of the Lord.
📖 Titus 3:3 For we ourselves were also once foolish, disobedient, deceived, serving various lusts and pleasures, living in malice and envy, hateful and hating one another.
👉 This book contains sixty-six books, but our lives must be the sixty-seventh.
👉 Just as the word of God says in Paul's message written to the Corinthians, "You are an epistle of Christ, read by everyone," the life of believers is an epistle of Christ that all people read.

📖 2 Corinthians 3:2-3 You are our epistle written in our hearts, known and read by all men; clearly you are an epistle of Christ, ministered by us, written not with ink but by the Spirit of the living God, not on tablets of stone but on tablets of flesh, that is, of the heart.
​RECEIVING THE LIFE OF CHRIST
​👉 Christ was not merely a teacher of words, but a teacher of life.
👉 There are many teachers of words, but there is no other teacher of life.
👉 However, Christ became a teacher of life for us so that we may learn from Him and inherit His life.
👆 Therefore, we will continue to look at the question, "What do we receive from the life of the Lord?"
​1. HUMILITY
​👉 The Lord said, "You call me Teacher and Lord, and you say well, for so I am. If I then, your Lord and Teacher, have washed your feet, you also ought to wash one another’s feet" (John 13:13-14).
👉 When Christ Jesus came, He did not manifest Himself by displaying lordship, but rather He appeared with the heart of a servant.
👉 He did not appear by having people serve Him, but by serving people.
👉 In the Kingdom of God, a person who is greater than another is not the one who makes people serve them, but the one who serves others.
👉 The ministry of Jesus Christ was not a ministry that displayed lordship over people, but rather "Servant Leadership".
👉 "Yet it shall not be so among you; but whoever desires to become great among you, let him be your servant. And whoever desires to be first among you, let him be your slave—just as the Son of Man did not come to be served, but to serve, and to give His life a ransom for many" (Matt. 20:26-28).
👉 It is mandatory for a disciple to do what their teacher has made them to do. The Christian life is not about pride, but following Him and working for Him with a broken and cleansed heart.
👉 Even though the Lord is God of heaven and earth and Teacher, He washed the feet of the disciples. Likewise, it is our duty to serve people with the spirit of service we have learned from Him.
​2. MEEKNESS
​👉 Meekness does not mean being foolish. A fool is someone who knows nothing. A meek person, however, is someone who chooses not to retaliate despite knowing.
👉 Jesus said, "I am meek, learn from me." From the Lord, we learn meekness, not cunningness; cunningness belongs to Satan, but meekness belongs to the Lord.
📖 Matthew 11:29 Take My yoke upon you and learn from Me, for I am gentle and lowly in heart, and you will find rest for your souls.
👉 The Holy Scripture says that the meek shall inherit the earth.
📖 Matthew 5:5 Blessed are the meek, for they shall inherit the earth.
🌎 That new world belongs to the meek, not the cunning.
👉 Cunningness belongs to the children of darkness, and meekness belongs to the children of light.
📖 Colossians 3:12 Therefore, as the elect of God, holy and beloved, put on tender mercies, kindness, humility, meekness, longsuffering.
​3. LOVE
​👉 The source of love is God Himself.
👉 God loved the world so much that He gave His only begotten Son.
📖 John 3:16 For God so loved the world that He gave His only begotten Son, that whoever believes in Him should not perish but have everlasting life.
👉 Out of great love, the Son also gave His life over for us.
👉 He showed us what love is by giving His life for us.
📖 1 John 4:10 In this is love, not that we loved God, but that He loved us and sent His Son to be the propitiation for our sins.
👉 We, His disciples and followers, must resemble Him by sharing in God's love.
👉 A person who has love is His disciple.
📖 John 13:34-35 A new commandment I give to you, that you love one another; as I have loved you, that you also love one another. By this all will know that you are My disciples, if you have love for one another.

Want your business to be the top-listed Gym/sports Facility in Nekemte?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Address


Waldaa Kiristiyaana Araara Waaqayyoo Addunya
Nekemte