03/05/2026
Namicha kana ๐ฅ
โ
Pep Guardiola Manchester siitii moo'uu danda'eera
โ
Mikael Arteettaa Arsenal moo'uu danda'eera
โ
Arne slot Liverpool moo'uu danda'eera
โ
Liam Rosenior Cheelsii moo'uu danda'eera
โ
Unai Emery Astonvillaa moo'uu danda'eera
โ
Akkasumallee erga gara aangoo Manchester united dhufee as Leenjisaa hunda caalaa qabxii 32 walitti funaannachu danda'eera
Mikael Karrik ๐๐
03/05/2026
โ
Galchii injifannoo Manchester united galchuu kan danda'e Kobie Mainoo taphataa cimaa taphichaa jedhamuun badhaafameera
โ
Tapha boodas Kobie yoo dubbatu
๐ฃ๏ธ "Kilaba kanaaf taphachuun kabajadha, kilaba kanaaf du'uufillee qophiidha." Kan jedhe maino itti dabaluun
๐ฃ๏ธ"Kubbaa miilaa taphachuu dhiisuun ulfaataadha, garuu an cimee hojjechuu hin dhiifne, sana booda Mikael Kaarik dhufee hunda keenyaaf ofitti amanamummaa ajaaiba nuuf kenne, isaaf jecha falmachuu barbaanna" jechuun dubbateera
03/05/2026
Liverpool daaraa botoroo ta'e
โ
Manchester united bara kana dhaqaa galaan Liverpool moo'achuun olaantummaa guutuu fudhateera
โ
Manchester united hirmaannaa champions liigii bara dhufuu kan argate yoo ta'u, bara dorgommii itti aanu halkan kipxataa fi Roobii Manche kan ilaallu ta'a
โ
Erga Amorim Aangoo Manchester united gadhiisee as Taphataan Goolii premier liigii Benjamin sheshko caalaa galche hin jiru. 9 galchuu danda'e
โ
Kana beektuu? Manchester united Seenaa isaan tapha Old Trafford irratti dursee galcheen moo'amee hin beeku tapha 330 godheen 304 moo'ee 26 wal qixa xumure
โ
Daqiiqaa 14 qofa gidduutti 2-0 dursaa kan ture Manchester, seenaa primiyer liigii Liverpool waliin qabaniin Daqiiqaa saffisaa 2-0 Liverpool ittiin dursuu danda'an taatee galmoofteetti
โ
Bara kana waltajjii hundaan taphattoota 3 qofadha Goolii 10 fi mijeessa 10 gochuu kan danda'an
1ffaa Sobozlai Goolii 13 fi mijeessa 10
2ffaa Ryan Cherki Goolii 10 fi mijeessa 10
2ffaa Jarrod Bowen Goolii 10 fi mijeessa 11
โ
Liverpool bara kana kubbaa dhaabbate irraa Goolii 17 kan keessummesse yoo ta'u, riikardii Goolii 16 bara 1992/93 qabamee ture fooyyessaniiru
aab mikaayl Kaarik hin danda'amne ๐ฅ
03/05/2026
ODUU AMMEE
โ
Tapha Manchester united fi Liverpool daawwachuuf kan Turan Sir Alex Ferguson dhukkubsachuu isaan Ambulaansiin gara Hospitaalaa akka geeffaman BBC gabaaseera
dhukkubaa hamaa akka hin taane fi yeroo dhihootti akka deebi'an abdii keenya
02/05/2026
Arsenal qabxii murteessituu 3 fudhatee bahe
โ
Dirree isaa Emirate irratti Fulham kan simate Arsenal 3-0 injifachuun garaagarummaa Manchester siitii waliin qabu gara 6'tti balliseera
โ
Viiktor yookersh goolii lama galchuun akkasuma 1 mijeessuun halkan ajaaiba dabarsuu danda'eera
โ
Miidhama irraa kan deebi'e Bukayo saka kubbaa 1 galchuun tokko mijeessuun Gahumsa ajaaiba agarsiiseera
โ
Viiktor yookersh bara dorgommii isaa jalqabaan goolii Primiyer Liigii 14 yoo galchu wal dorgommii hundaan goolii 21ffaa isaa galchuu danda'eera
โ
Bara kana taphataan Ingliiz keessaa waltajjii hundaan goolii Viiktor yookersh caalaa galchuu danda'e taphataa lama qofa
๐ธ 1ffaa Haaland goolii 35
๐ธ 2ffaa Thiago goolii 25
๐ธ 3ffaa Yookersh goolii 21
โ
Bukayo saka fi Viiktor yookersh bara dorgommii guutuu kubbaa waliif kan hin mijeessine yoo ta'u har'a garuu lameen jaraa tokko tokko waliif mijeessaniru
Dhukaastonni gara fuula duraatti
01/05/2026
Xumuramuuf taphni 4 qofti kan hafe premier liigiin Ingiliiz torbee kanas taphoota hawwatoo fi ciccimoo qabatee deebi'eera
โ
Sanbata xiqqaa sa'atii 1:30tti dursaan liigichaa Arsenal morkii waancaaf tapha murteessaa dirree isaatti Fulham Simata
โ
Tapha cimaa torbee kanaan Dilbata sa'atii 11:30 yoo jedhu Manchester united dirree isaatti Warra diddiimoo Liverpool waliin morkiin godhan deggartoota bukkeetti tapha Hawwiin eegamuudha
โ
Wixata sa'atii 11:00 yoo jedhu Bara kana baayyee rakkachaa kan jiru cheelsin dirree jaraatti Nottingham waliin nii morkatu
โ
Tapha dhumaa torbee 35ffaan Manchester siitiin tapha murteessaa dirreen ala imaluun kilaba marsiisyid Everton waliin ijibbaata falmata
Kilaba deeggartaniif milkaa'ina hawwineerra!!
29/04/2026
Lameenuu qabxii qooddataniiru
โ
Taphni Champions liigii nuhuusa xumuraa Arsenal fi Atletico Madrid gidduutti godhame Goolii 1-1'n wal qixa xumurameera
โ
Victor Yokeresh bara dorgommii isaa jalqabaa wal dorgommii hundaan hirmaannaa Goolii 22 yoo godhu, champions liigii Goolii 6 irratti hirmaannaa godheera
โ
Julian Alvarez taphataa Amerikaa kibbaa tapha xiqqaan Goolii 25 irra gahe tahuun Riikardii Lionel Messi dhaan qabamee ture fooyyesseera
๐ธAlvarez tapha 41 itti fudhate
๐ธMessi tapha 42 itti fudhate
โ
Viktor Yokeresh peenaalitii 27 argate hunda gara gooliitti jijjiiruu danda'eera
๐ธ 21 Sporting'f
๐ธ 4 Arsenal'f
๐ธ 2 Sweedeiniif
โ
Tapha champions liigii 30 fi isaa gadiin Taphattoota Goolii hedduu galchan
๐ธ1ffaa Mario Gomez Goolii 26
๐ธ2ffaa Julian Alvarez Goolii 25
kan boora'e tapha deebiin kan calalu ta'a
29/04/2026
โ
Urjiin kubbaa miilaa warra Porchugal Kiristiano Ronaldo har'as Goolii Al Ahli irratti galchuu kan danda'e yoo ta'u kanaanis walumaa galaan Goolii 970ffaa isaa bara jireenya kubbaa miilaa isaan galchuu danda'eera.
adeemsa 1000 gahuuf Goolii 30 qofatu hafa
28/04/2026
PSG Taphicha iniifannoon goolabe
โ
Tapha hawwataa garee lamman gidduutti godhameen PSG 5-4'n injifachuu danda'eera
โ
Seenaa Champions liigii Nuhuusa xumuraan yeroo jalqabaaf Gooliin Shan boqonnaa duraa qofaan galuu danda'e
โ
Ammas Seenaa Champions liigii Nuhuusa xumuraan Gooliin 9 galee hin beeku
โ
Bayern Munik tapha champions liigii shan darbe PSG waliin walitti dhufe injifachuu danda'e ture har'a garuu.....
โ
Olise, Harry Kane fi Luiz Diaz bara kana walii galaan Goolii 100 galchuu danda'aniiru
๐ธKane Goolii 54
๐ธOlise Goolii 20
๐ธDiaz Goolii 26
โ
Kravasqeliya bara kana champions liigiin Goolii 10 yoo galchu kubbaa 5 hiriyoota isaaf mijeessuun kennuu danda'eera, erga bara 2025 gara PSG dhufee as champions liigiin hirmaannaa Goolii isa caalaa Taphataan godhe hin jiru, (20)
โ
Taphattoonni Bayern Munik 3 yeroo jalqabaaf hirmaannaa Goolii 10 fi isaa ol champions liigiin godhan. isaanis Kane, Olise fi Diaz
โ
Harry Kane tapha 46 qofaan Goolii 54 Bayern Munik'f galchuu danda'eera
Ajaaiba abbaakoo!!