Dembi Dollo FC

Dembi Dollo FC

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Dembi Dollo FC, Sports Team, Dembi Dolo.

🏆 Dambi Dollo Football Club 🏆
💛 From Dembi Dollo – The Land of Love
⚽ Playing with passion, pride, and unity
🔥 Inspiring youth, building dreams, and chasing victory
#LandOfLove #DambiDolloFC #OneTeamOneDream

Photos from Dembi Dollo FC's post 20/08/2026

Akkas malee⚽️💪 Arfan Alaku FC👌

17/08/2026

4n Alaakuun Rukuttaa Adda ba'insaa 9-8'n Dirree incinnii injifachuun marsaa mo'atanii darbuu 16 keessaaf darbeera .⚽️💪👌

14/08/2026

4n Alaku FC⚽️👌💪

Photos from Dembi Dollo FC's post 14/08/2026

Galataa fi Hawwii Gaarii

Kantiibaa Magaalaa Dambi Doolloo duraanii, Obbo Girmaa Dangalaa, yeroo hunda utuu of hin qusatin Urjii Lixaa bira dhaabbatanii deeggarsaa fi tumsa taasisaa turtaniif galanni keenya guddaadha. Dhugumaan ulfaadhaa, nuuf jiraadhaa! 🙏🏽

Akkasumas, Kantiibaa Magaalaa keenya haaraa, Obbo Dabalaa Abdallaa, imaanaa isinitti kenname kanaaf muudamuu keessaniif baga gammaddan isiniin jechaa, bara hojii keessanii kun bara milkaa’inaa, bu’aa qabeessummaa fi tajaajila gaarii akka isiniif ta’u, Kilabni Urjii Lixaa hawwii fi eebba gaarii isiniif qaba.

Galatoomaa! Ulfaadhaa! Bara hojii gaarii fi milkaa’ina qabu isiniif ha ta’u! 🙏🏽⚽️❤️🖤

Dembi Dollo FC – Urjii Lixaa

Photos from Dembi Dollo FC's post 12/08/2026

4n Alakuu fi Makkoo Billi 👌💪

Photos from Dembi Dollo FC's post 10/08/2026

Aadde Tujubee Horaa, sagalee bareedaa fi mi’aawaa VOA Afaan Oromoo irratti sagantaalee adda addaa dhiyeessuun kan beekamtu, biyya Ameerikaa irraa gara biyya dhufte. Carraa kanaanis kilaba baay’ee jaallattuuf kennaa kennitee jirti.

“Urjii Lixaatti harka duwwaa hin deemu” jettee, karaa obboleessa keenya yeroo mara Urjii Lixaa bira hin dhabamne, Gadaa Dureessaa, kubbaa mimmiidhagduu Urjii Lixaaf gumaachiteetti.

Aadde Tujubee, jaalala, deeggarsa fi tumsa Urjii Lixaaf gootaniif galatoomaa! 🙏❤️⚽

02/08/2026

Congratulations Gimbi FC, the Western Lions, akkas malee!

31/07/2026

Waldaan Kubbaa Miillaa Addunyaa qarqara bittina’u jala jirti. Confederation of African Football maal jedha gama isaatiin???

Waldaan Kubbaa Miilaa Ameerikaa (U.S. Soccer Federation) murtii Concacaf fi UEFA deeggaruun, karoora FIFA invastaroota dhuunfaa hirmaachisuuf dhiyaate morme. Pirezidaantiin FIFA Gianni Infantino qooda FIFA Forward Enterprises (FFE) gurguruudhaan doolaara biiliyoona 20 walitti qabuuf karoora dhiyeesse. Garuu Concacaf fi UEFA, invastaroonni dhuunfaa mirga tamsaasaa fi waliigaltee daldalaa FIFA World Cup fi dorgommiiwwan gara fuulduraa irratti dhiibbaa akka qabaatu hin barbaadan.

Kanaaf, Concacaf fi UEFA, FIFA World Cup qabeenya dhuunfaaf jala akka ooluuf yaada dhiyaate mormee, yoo murtoon kun hojiitti hiikame waldaa kubbaa miillaa kan Addunyaa keessaa baana jechaa jiru!

27/07/2026

Congratulations to The Western Lions, welcome to the club!
Gimbi FC Promoted to Ethiopian League One. Akkas malee.👌

17/07/2026

Garee seenaa Qabeessaa ✌

Gareen kun yaalii yeroo dheeraa booda bara 2010 yeroo jalqabaf Bishooftuutti Dembi Dollo FC akka Liigii Oromiyaatti garee guddatuu godhedha

Kan darbee yaadachaa fi galateeffachaa,kan dhufuuf karoorfachaa qophaa'uun seera uumaati 🙏

Miseensonni garee kana yeroo sana turtaan kabaja qabduu nu bira....suuraa irra kan jirtaanis ta'e kan hin jirreen miseensi guutuun garee kana ✌👏🙏

Best XI kana keessa kan hanga ammatti Garee Dambii Dolloo Waliin taphachaa jiran Geetuu fi dirribaadha !

Gimbiin tokko erga bar kana waancaa nurraa nyaate waancaa waliin Allergic waliitti ta'eera 🤣

Ergasii Dambii Dolloon

2014-oromia higher league champion
2017-oromia PL champion
2017-Ethiopia Club chamlion Bronze medalist

Isiin Derby keenya jechuun wal jiibbinaa jechuu miti warri sammuu duushii akkasiitti yaaddan nagaan bulaa (warri sammuu qulqulluu waliin ispoortii keenya guddiisna ✌) Qaroo Fagoo ✍️

Want your business to be the top-listed Gym/sports Facility in Dembi Dolo?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Category

Address


Dembi Dolo

Opening Hours

Monday 09:00 - 17:00