22/06/2026
Leenjiin Murteessummaa Ispoortii Teenisa Minjaalaa guyyoottan 10'f Kennamaa ture xumurame
Godina Shawaa Kibba Lixaatti Leenjiin murteessummaa ispoortii teenisa minjaala Sadarkaa 1ffaa walta'iinsa Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaafi Waajjira Dargaggoof Ispoortii Godina Shawaa Kibba Lixaatiin guyyoottan kudhaniif kennamaa ture xumuramee jira.
Xumura leenjii kana irratti Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaatti Ittigaafatamtuu Federeeshinii Ispoortii teenisa minjaala Aadde Loomii Addunyaa fi Ittigaafatamaa Waajjira Dargaggoofi Ispoortii Godina Shawaa Kibba Lixaa Obbo Taaddalaa Tasfaa argamaniiru.
21/06/2026
Wal Dorgommii Liigii Kubbaa Saaphanaa Oromiyaa Itti Fufe
Qabxii waldorgommii Liigii Oromiyaa guyyaa har’aa (14/10/18)
Laloo qilee vs aanaa limmu 3 fi 2
Koyyee faccee vs haroo limuu 3 fi 0
Eekkaa Xaafoo vs legasa wagii 3 fi 1
Godinaa Arsii vs Bu/ magaalaa bushooftuu 3 fi 2
Siikkeet bank vs Haroo sabbuu 3 fi 0
21/06/2026
Waldorgommiin Madaallii Sagantaa Leenjii Guddattoota innisheetivii Atileetiksii Aanaalee Godina Shawaa Lixaa marsaa 2ffaan eegalame.
Waxabajjii 14/2018 Godina Shawaa Lixaatti Waldorgommiin Madaallii Sagantaa Leenjii Guddattoota innisheetivii Atileetiksii Aanaalee Godinicha hirmaachise bakka Itti Aanaan Bulchaa Godina Shawaa Lixaa obboo Abbabee Camadaa fi Keessumoonni adda addaa argamanitti eegalame.
Itti Aanaan Bulchaa Godina Shawaa Lixaa obboo Abbabee Camadaa Waldorgommii Madaallii Sagantaa Leenjii Guddattoota Atileetiksii Godina Shawaa Lixaa marsaa 2ffaa bara 2018 irraatti argamuun haasawa taasisani, misooma ispoortii roga hundan lafa qabsisuuf xiyyeeffannaa guddaa kenname hojjetama jiraachuu himaniiru.
Itti Gaafatamaan Waajjira Dargaggoo fi Ispoortii Godina Shawaa Lixaa obboo Misgaanaa Kabbadaa gama isaaniin Kaayyoo dorgommichaa, waltajjii Dorgommii qopheessuun walitti dhyeenya Aanaalee cimsuun muuxannoo walirraa akka fudhatan gochuu, Leenjiin sadarkaa adda addaatti kennamaa ture bu'a qabeessa ta'uu isaa madaallii gaggeessuu, Atileetota ciccimoo gara fuula duraatti carraa kilabii argachuu danda'an adda baasuuf ta'uu himaniiru.
20/06/2026
Wal dorgommiin mo'aa mo'attootaa Marsaa 5ffaa gareewwan kubbaa miilaa 16 gidduutti gaggeeffamuu eegalee jira.
Waxabajji, 13/2018 Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abbayyii Coomman Magaalaa Fincaa'aatti Waldorgommiin mo'aa mo'attootaa kubbaa miilaa marsaa 5ffaa Gareewwan 16 gidduutti adeemsifamuu eegalee jira.
Aanaa Abbayyii Coomman Magaalaa Fincaa'aatti taphni kubbaa Miilaa mo'aa mo'attootaa gaggeeffamuun walitti dhufeenya hawaasaa caalmaatti cimsuu fi tokkummaa jabeessuu cinaatti Ispoortiin jaalala, tokkummaa fi nagaa ta'uu kan argisiisu ta'uu dorgomtootni tokko tokko himaniiru.
Taphni kubbaa Miilaa mo'aa mo'attootaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Marsaa 5ffaa Magaalaa Fincaa'aatti gaggeeffamu guyyoota torbaaf itti fufinsaan kan gaggeeffamu ta'uu itti gaafatamaan Waajjira Dargaggoof Ispoortii Godina Horroo Guduruu Wallaggaa obbo Abirahaam Dassaalenyi himaniiru.
Keessumaa taphattoota ciccimoo Liigii 1ffaa keessa galuuf kan fayyadu waan ta'eef xiyyeeffannoo cimaa argateera. Akkasumas karaa ittiin ispoortessitoonni ga'umsa isaanii mul'isuun kilaboota gurguddoof of qopheessanidha.
Kaayyoon Waldorgommii kubbaa miilaa Mo'aa Ma'attootaa kunis ispoortessitoota gahumsaa fi damdeettii cimaa qaban godinicha bakka bu'uun maqaa biyyaa waamsisuu danda'an horachuu akka ta'e obbo Abirahaam Dassaalenyi itti dabaluun himanii jiru.
20/06/2026
Leenjiin leenjisum fi Murteessummaa Diiflimpikii Teenisa Minjaalaa Sadarka 1ffaa kennamaa ture Xunurame jira
Qindomina Biiroo Dargaggoofi ispoorii Oromiyaa Federeeshini Diiflimpikii Oromiyaa fi
Waajjira Dargaggoofi ispoortii Bul/Mag/Adaamaa Leenjiin leenjisumma fi murteessummaa Sad.1ffaa torban lamaaf Magaalaa Adaama kennamaa ture milka'inaan xumurame
Leenjjiin kun kayyoon isaa Namootaa rakkoo dhageettii gurraa qabaan hubannoo ispoortii sirrittii cimsuu fi Ispoortii Diiflimpikii babalisuu leenjjii leenjisummaa fi murteessumma Teenisaa Minjaalaa fudhataan cinattii seeroota ispoortii kana sirittii beekanii akkaa irrattii hojjetaan Ogeesootaa ispoortii kana baayyinna fi qulqullinnan horachuuf gahoomsuuf
20/06/2026
Leenjiin Murteessummaa Sadarkaa Jalqabaa (Sadarkaa 3ffaa) Ispoortii ITF (ETA) Magaalaa Beddelleetti kennama ture Xummurameera.
Walta’iinsa Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa (BDIO), Federeeshinii Ispoortii ITF fi ETA’n Leenjiin Murteessummaa Sadarkaa Jalqabaa (Sadarkaa 3ffaa) Ispoortii ITF (ETA) Godina Buunnoo Beddellee, Magaalaa Beddelleetti Waxabajjii 08 _ 13 bara 2018 irraa eegalee kennamaa ture xummura argate.
Sagantaan leenjii kun ogummaa murteessummaa ispoortii ITF irratti hirmaattotaaf beekumsaa fi dandeettii barbaachisu cimsuuf kan qophaa’edha.
Sirna Cufiinsa irratti kan argaman itti gaafatama Waajjira Dargaggoofi Ispoortii Godina Buunnoo Beddellee Obbo Mammad Maccaa fi ogeessonni waajjirichaa argamaniiru.
Haaluma kanaan leenjichi karaa leenjisaa Saaboon Kadir Ahimadiin kennamaa ture xummure, qaamoleen ispoortii aadda addaa waliin ta’uun humna namaa gahumsa qabu horachuuf hojii bal’aa hojjechaa jiraachuun ibsameera.
Leenjiin kun murteessitoota gahumsa qaban horachuun qulqullinaa fi haqaqabeessummaa dorgommiiwwan ispoortii ITF keessatti cimsuuf shoora olaanaa akka qabaatu ibsamee, hirmaattonnis carraa isaanii kana fayyadamuun beekumsaa fi muuxannoo isaanii akka gabbifatan dhaamameera.
Xummura irratti Gahumsaa ogummaa kanneen argataniif waraqaan Leenjii ittin xummuran sadarkaa (C) kennamun Xummureerra.
20/06/2026
Shaampiyoonaan Ispoortii kubbaa miillaa 14ffaan Bulchiinsa Magaalotaa Aanaalee Godina Qellem Wallaggaa magaalaa Dambi Dollootti eegalame.
Sirna baniinsaa wal dorgommichaa irratti Kantiibaan magaalaa Dambi Dolloo Obbo Girmaa Dangalaa ispoortiin jaalala, tokkummaa, misoomaa fi nageenya waan ta'eef ispoortessitoonnii fi deggartoonni ispoortii naamusa dorgommichi barbaadu eeguun milkaa'ina dorgommichaaf tumsuu qabdu jedhan
Itti Gaafatamaan Waajjira Dargaggoofi Ispoortii Godina Qellem Wallaggaa Qannaa Abdiisaa kaayyoon dorgommichaa ispoortii bu'uura hawaasaa qabsiisuufi ispoortessitoota ciccimoo Godinicha bakka bu'uun sadarkaa naannootti hirmaatan horachuuf ta'uu himuun dorgommichi guyyoota saddeetiif kan turu ta'uu dubbataniiru.
Wal dorgommichis tapha Bulchiinsa Magaalaa Tajjoofi Bulchiinsa magaalaa Ashiitiin kan eegalameedha.
20/06/2026
Leenjii Leenjisummaa Kaaraatee
Biirroon Dargaggoo fi Ispoortii Oromiyaa, Federeeshiniin Kaaraatee Oromiyaa fi Waajjirri Dargaggoo fi Ispoortii Godina Harargee Bahaa waliin ta’uun, Leenjii Leenjisummaa (Coaching) Kaaraatee Magaalaa Hararitti Guyyaa 19/10/2018 irraa jalqabe waan kennamuuf Leenjisaa fi barattoonni naannichaa(Harargee Lixaa,Magaalaa Maayaa Fi kan Biroo) hundi carraa kana akka fayyadamtan isin affeerra.
Dirqama Hirmaattotaaa:
• Qabattoo: Cuquliisaa irra jaqabee leenjii kana irratti hirmaachuun ni danda'ama
• Gurma'iinsaaa: Waldaan leenjistootaa kaaraatee sadarkaan jiru hirmaannaa irratti dirqama isaa bahu qaba
• Meeshaalee: Uffata seeraa (Uniform), barrulee fi qalama qabachuu.
• Naamusa: Naamusaan guutamee argamuu.
• Baasii: Baasii ofii danda’uu.
HUBCHIISA: Leenjii kana kan hin fudhanne, dorgommii kam irrattiyyuu leenjiisaa (Coach) ta’uun tajaajiluu hin danda'u.