21/08/2026
Giddugaleessi Qorannoo Qonnaa Adaamii Tulluu hojii Qorannoo fi baayyisa sanyii Qamadii gosa gara garaa hawaasa wajjiin tahuun hojjachaa jiru bifa hawataa fi abdachiisaa irra akka jiru ilaallameera.
Giddugaleessi keenya Projectii "Inclusive and Sustainable Agricultural Value Chains Development in Oromia (ISVCDO)" wajji tahuun Aanaa 2 irratti hojjachaa jira. Haaluma kanaan hojiin baayyisaa fi Qorannoo Aanaa Dugdaatti hektaara 15 irratti hojjatamaaru daawwatameera. Progress bareeda argisiisaa akka jirus beekkameera.
Adami Tullu Agricultural Research Center - ATARC
Oromia Agricultural Research Institute -IQQO
Oromia Communication Bureau
Oromia Bureau Of Agriculture/Biiroo Qonnaa Oromiyaa
Ministry of Agriculture - Ethiopia
Lemi Korso
Ethiopian Institute of Agricultural Research - EIAR
OBN Afaan Oromoo
11/08/2026
π£π£π£
===
Giddugaleessi Qorannoo Qonnaa Adaamii Tulluu tarsiimoo fi inisheetiivii Qonnaa mootummaan fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf baase fudhatee hojiilee kallattiin hawaasa fayyadan hojjachuun hawaasa fayyadamaa taasisaa turuun isaa ni yaadatama. Haaluma kanaan bara kanas sanyii Lukkuu gosa jedhamanii fi bu'aa gaarii hawaasaaf buusan jedhaman karaa deeggarsa pirojektii FRSP tiin galchuun hawaasa biraan gahuuf hojjataa tureera.
π£
Haaluma kanaan hojiin madaqsuu fi qorannoo addaa addaa hojjataa turre bu'aa buusee yeeroo ammaa kana baayyisuun hawaasa biraan gahuuf haalduree hunda xumurree akkaatama barameen qaamolee hawaasaa ulaagaa guutan galmeessuun cuucii raabsuuf hojitti galleerra.
π£
Kanaafuu namoonnii fi waldaaleen horsiisa lukkuu kanaa irratti hirmaachuun hojitti galuu barbaaddanii fi ulaagaalee armaan gaditti ibsame guuttan hatattamaan akka galmooftanii fi dabaree qabachuun fayyadamaa taatan kabajaan isin beeksifna.
π£
!
===
:- Muxannoo lukkuu horsiisuu fi iddoo itti horsiisu qabaachuu isaa xalayaa ibsu waajjira Qonnaa irraa dhiyeessuu.
:- Tarsiimoo mootummaan baasee kanatti fayyadamee ofis fayyadee nama biroos fayyaduuf kutannoo qabaachuu.
:- Nyaata, Qorichaa fi meeshaalee horsiisa isaaniif barbaachisu kan guuttate tahuu.
:- Hojii eegale kana harcaatii tokko malee galma geessuuf kutannoo qabaachuu fi bu'aa argamurraa fayyadaamaa tahee biyyis akka fayyadamuu dandeessu fakkeenyummaan nama hojjatu tahuu.
:- Hojii hordoffii fi gamaaggamaa Giddugaleessi keenya gaggeessuuf yeeroo kamuu karra isaa banaa godhuu fi duubdeebii itti kennamu kamuu hatattamaan hojitti hiikkuuf eeyyamamaa tahuu dha.
πππ
Namoonnii fi waldaaleen ulaagaalee armaan olitti ibsaman guuttan galmaahuun dabaree akka qabattan isin beeksifna.
π£
πππ
Dr Gebawo Tibesso
:- +251912152764 fi
:- 092 109 8991 qunnamuu dandeessu.
πππ
Adami Tullu Agricultural Research Center - ATARC
Oromia Agricultural Research Institute -IQQO
Oromia Communication Bureau
Oromia Bureau Of Agriculture/Biiroo Qonnaa Oromiyaa
Oromia Prosperity Party / OPP /
Ministry of Agriculture - Ethiopia
Abiy Ahmed Ali
Shimelis Abdisa
OBN Afaan Oromoo
Lemi Korso
Robsan Amente
Ethiopian Institute of Agricultural Research - EIAR
fans
π£π£ππ
!
!!
ππππππππππ
Telegram_Links:-
π https://t.me/atarcagritech
Whatsup_Link:- https://whatsapp.com/channel/0029Vb8GRguCRs1g33k1I52M
Tiktok_Link:-
πhttps://www.tiktok.com/
Facebook_Link:-
πhttps://www.facebook.com/atarc2025
YouTube_Link:-
π https://youtube.com/
10/08/2026
Koreen Naannoo fi Federaala irraa dhufan haala qophii simachuuf Giddugaleessi Qorannoo Qonnaa Adaamii Tulluu taasisaa jiru daawwatan. Daawwannaa isaanii kanaanis haalli amma jiru gaarii akka tahee fi hojiileen muraasni hafan akka xumuran jechuun yeeroo gabaabaa booda sanyiin re'oota kanaa akka nu bira gahu dhaamanii Jiru.
Adami Tullu Agricultural Research Center - ATARC
Oromia Agricultural Research Institute -IQQO
Oromia Bureau Of Agriculture/Biiroo Qonnaa Oromiyaa
Oromia Communication Bureau
OBN Afaan Oromoo
Oromia Prosperity Party / OPP /
Abiy Ahmed Ali
Shimelis Abdisa
04/08/2026
!!π₯π€
We planted for coming Generation!!
π³π³π³