Zeneba marru

Zeneba marru

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Zeneba marru, Dabso, Hirna.

14/04/2026
08/04/2026

Akkamitti namni 🇪🇹 keessatti wal wal fuudha jiraa qoy🙊
Jireenyi taarikiidha hoo!😢🙄

Wagga saddeet keessatti jijjiirama dhufe muraasa ha ilaaluu Mee
:

Jijjiirama Bitootessa 24 boodaa:

-Mindaan 3K ture amma 7K
-Saamunaan qr. 10 ture amma qr. 100
-Daabboon qr. 2 ture amma 20
-Xaa'oon 500 ture amma 5800
-Xaafiin 2.5K ture amma 16K
-Gibirri 750 ture amma 12K
-Moodesiin qr. 7 ture amma 100
-Bayyaynatiin qar. 15 ture amma 150
-Mindaan 7K ture amma 18K
-Uffanni giximiin 600 ture amma 10K
-Kopheen qr. 280 ture amma 6K
-Paastaan qr.12 ture amma 110
-Timaatimiin tola ture, amma 1kg, 80qr.
Baqqaa jijjiirama ajaa'ibaatu jira!🤭
➥ Boba'aan litirri qarshii 20-23 ture hardha 163_225
➥ Biiraan Qarshii 11 ture hardha hin beeku??😠😁
➥ Lukkuun 200-300 ture har'dha 200k-300k
➥ Killeen qarshii 3 ture hardha 25_27
➥ Buddeenni duwwaan qarshii 3 ture.har'dha 25 hanga 30
➥ Bunni Shiiniin qarshii 2 ture hardha 30 hanga 50 bakka bakkaatti
➥ Foon kiiloon 250-300 ture har'dha 1200 olii
➥ Zayitii liitirri 5 qarshii 250 ture har*dha hin 2700 sa'a sa'an dabalti
➥ Hoolaan 1500 ture hardha 100k oli Jedhaan Jedhaanidha 🤗

Mee kan yaaddattan Comment taasisaa !

03/04/2026

Arguuf malee
Argaamuf ifa
hin barbaadin!🤌

22/12/2024

PAAPPAYYAA fi FAYYAA

👉Kuduraaf muduraan fayyaa ilma namaaf baay'ee barbaachisoodha,isaan keessaa tokko paappayyaadha.
👉Paappayyaan viitaminii C, antioxidant fi keemikaalota biroo fayyaaf baay'ee barbaachisoo ta'an hedduuminaan of keessaa qaba

🔹Qabiyyee paappayyaa giddu galeessa tokkoo yoo ilaallu
◉Kaaloorii 59
◉Kaarbohayidireetii giraama 15
◉Faayibarii giraama 3
◉pirootinii giraama 1
◉Viitamiinii A, B, C, E, K
◉Pootasiyeemii, kaalsiyeemii, maagniziyeemii
◉Antioxidant(carotenoid)

🔹Faayidaalee paapayyaa kessaa muraasni

◉Fayyaa Onneetif
👉viitaminii C fi antioxidant paappayyaa keessatti argamu fayyaa onnee eeguu fi akka onneen dhukkuba adda addaaf hin saaxilamnef hedduu gargaara

◉Fayyaa Garaachaf
👉Bullaa'insa nyaataaf(pirootiniif), gogiinsa garaa ittisuu fi guba laphee ittisuuf baayyee gargaara

◉Kaansarii Ittisuuf
👉Antioxidant paappayyaa keessatti argamu Kaanserii tokko tokko (kan akka kaansarii piroosteeti,kaansarii harmaa) ittisuu keessatti gahee qaba

◉Dhukkuba Sukkaaraaf akka hin saaxilamne, akkasumas erga dhibee kanaan qabamne booda hamma 'glucose' to'aachuf gargara

◉Fayyaa gogaaf
👉Gogaan akka hin suntuurre fi salphaatti akka hin miidhamne godha

◉Madinuummaa Dabaluuf
👉Paappayyan Dandeettii dhibee dandamachuu qaama keenyaa (Madinuummaa) dabaluun akka Infeekshiinii garagaraaf hin saaxilamne gochuuf gargaara

◉Kulkula (inflammation) hir'isuuf ni gargaara

◉Ulfaatina madaalawaa akka qabaannuf nu gargaara

◉Dhukkuboota sirna haargansu kan akka Asmii, Utaalloo, biroonkaayitii fi kkf hedduu ittisuuf nii gargaara

◉Rifeensi keenya akka lallaafu fi calaqqisu ni godha

◉Fayyaa lafee keenyaa fi ilkaan keenyaaf ni gargaara,keessattu dhukkubbii ilkaanii nurraa fursa

08/11/2024

Baarillee

https://t.me/fayyaaonline
👉 Baarilleen dhukkuboota gogaa baayyee beekamoo ta'an keessaa isa tokko
👉 Dhibeen kun fangasiidhan kan dhufu yoo ta'u nama irraa namatti hin daddarbu

♨️ Maalirraan Nama Qaba

Wantoonni armaan gadii baarilleef nama saaxilu
👉 Haala qilleensaa hoo'aa fi jiidhaa ta'e
👉 Dafqa
👉 Dandeettiin dhukkuba of irraa ittisuu qaama gadi bu'uu
👉 Dhukkuba sukkaaraa
👉 Hanqina nyaataa
👉 Yeroo ulfaa

♨️ Mallattoowwan Isaa
1.Haalluun gogaa jijjiiramuu
2.Darbee darbee nama nyaachuu(hooqsisuu)
3. Dafqa garmalee
...
♨️ Yaala
👉 Qoricha farra fangasii (antifungal)- Qorichoonni kun bifa shaampoon,dibataan(cream) ykn kan liqimfaniin jiru
💊Isaan keessaa qorichoonni qaamatti dibaman kan akka ketoconazole, fluconazole,itraconazole,clotrimazole kan jedhaman salphaatti mana qorichaatii argachuu ni danda'ama

👉 Qoricha dibamuun yoo fayyuu dide qoricha afaanin fudhatamu fudhachuun ni fayyama

👉Qoricha kana erga fayyadamaniin booda haalluun gogaa haga ji'a 2f gara duraattii deebi'uu dhiisuu mala

♨️Mala ittisaa
1.Dafqa hir'isuu
2.hoo'a baayyee olka'aa hir'isuu

https://t.me/fayyaaonline

16/10/2024

Hordoftoota koo haaraadhaaf haamilee! Toora irratti isin qabaachuu koof gammachuu guddaatu ​​natti dhaga'ama! Firoo Man King, Gadisaa Aliyyi, Feyisa Hailu

Want your business to be the top-listed Gym/sports Facility in Hirna?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Telephone

Website

Address

Dabso
Hirna
OROMIYYA