16/06/2026
Tapha eegamu : Waancaa addunyaa bara 2026
🇫🇷 France Vs 🇸🇳 Senegal 4:00
Eenyutu injifata? Eenyuun deeggartu?
Xiyyeeffannoon keessan ganna kanaa akkuma jaarsa kanaa kanarra haa ta'u 👁️👁️😀.
16/06/2026
Bara 2019 yeroo tapha waancaa Afrikaa ,Hamzaa Abdulkeriim Sadio Maneef waahila calqabsiiftuu ( ) ta'ee hiriirsisee ture. Amma waggaa 7 booda tapha waancaa Addunyaa baranaarratti qaqqabee Mohammed Saalaah jijjiiree taphachuu danda'eera. Yeroon kun numa fiiga. Galatasaa haa ta'uuf nus waancaawwan addunyaa 3 isiniif barereessuu itti fufnee jirra.
16/06/2026
Kunoo badhaasicha || Gaaffii waa'ee uummata eengadda Garman 🇩🇪 waliin taphatanii ilaalchisee gaaffii haafanneef namoota deebii sirrii kennan 2f badhaasa kaardii abbaa 100 qopheessinee turre san har'a isin qaqqabsiifna. Deebiisaa ilaalchisee namootni hirmaatan irra caalaan deebii sirrii kan kennan yoo ta'u, keessaa filachuufillee rakkisaa ture. Haaluma kanaan namoota deebii sirrii kennan keessaa kanneen asirratti qabsiifne lamaan badhaasa keessan fudhachuu dandeessu. Karaa keessaa lakkoofsa moobaayila keessanii karaa nuuf ergaa.
1. Sagni Jida Geresu -- (100)
2. Abdisa Tadage ---- (100)
14/06/2026
Waancaan addunyaa bara 2026 kun akkamitti jira?
Biyyi ammaan tana Jarman 🇩🇪 waliin taphataa jiru Curacao 🇨🇼 baay'inni uummatashee meeqaa beektuu? Nama argate 2f badhaasa kaardii abbaa 100 qabna.
01/06/2026
Ergaa Sr.Aleeks Fergusen Perezedaantii PSG - Paris Saint-Germain ,Naasir Alkaliifiif
Naasiir si haa gahukoo nagaankoo gaara bahee bu'ee, laga mormor cehee, Maccaan qaari'ee 😉. An Sr.Aleeks Fergusen jedhama. Isin hojii guddaa hojjetaa jirtu. Baga milkooftan. Halkan tapha xumura UEFA Champions League san yeroo nuffisiisaa akka dabarsitan ni beekna. Kilaba tapha jibbiisiisaa taphatee fi ittisaaf seene waliin qabsoo guddoo gootanii boodarra milkooftaniittu. Baga irra aantan, gammachuu gaarii dhamdhamaa ", jechuun tapha Arteettaan Arsenal waliin qabatee seenee haalaan qeeqeera.
Deeggartoonni Arseenaalii fi kabiroon maal jettu?
Fabrizio Romano akka Fabrizio Oromiano tu dubbisiise
Addunyaa Abdiisaa tu maxxanse p ✍️
31/05/2026
Akka Poolisiin London gabaasetti haga ammaatti namoonni Miiliyoona tokkoo ol sagantaa Injifannoo Arsenal ilaalchisuun qophaa’e irratti argamaniiru. Haala kanaan itti fufnaan rikordii biyya England ta’uus danda’a. Osoo boo’ichaaf eegamuu, injifannoo fi kabajaan London miila tokkoon dhaabaa jira!
Agabaasaan keenya Dr Nahom Girum 👀
Kan maxxanse Addunyaa Abdiisaa ⌨️
31/05/2026
London is RED 🔴
Dhukaaftonni waggoottan 20 booda xumura waancaa UEFA Champions League morkatanii injifatamanus injifannoo Premier League waggoottan 22 booda argatan sababeeffachuun sirna gammachuu ibsannaa fi simannaa garee Arsenal taasisaa jiru. Olaantummaan Arseenaal baroota itti aananutti jabaatee akka dhufu kan himan xinxaltoonni , MOTICHI teessoosaasaatti yoo deebi'u masaanuuwwan qoccoluu fi duddutuumsaanii waanuma jiru kanaaf Arseenaal qeequ jedhu.
የፕሪሚየር ሊጉ ሻምፒዮን አርሰናል የዋንጫ ድሉን ከደጋፊዎቹ ጋር በሰሜን ለንደን ጎዳናዎች ላይ እያከበረ ይገኛል።
Deeggartoonni dhukaaftotaa cufti irra deebiin baga gammaddan jenna.
Addunyaa Abdiisaa
OroIsport-Adugna
31/05/2026
Cheelsiin Arsenal wagaa godhee bakka madaa waraanuusaatii?🙄
Arseenaal waancaa UEFA Champions League kaleessaa san injifatamuu hordofee , Cheelsiin maxxansa kana ifirratti dafee dhoobe.
Koottaa gara London qe'ee waancaawwanii xuquliisota daawwadhaa "jechuun ናቆራ itti erguusaati😀.
Jarri.lachuu kilaba London garuu Ollaan kufaatii walitti gammaddi jedhan
30/05/2026
PSG - Paris Saint-Germain shaampiyoonaa UEFA Champions League bara kanaa ta'ee jira.
PSG rukuttaa adabbiidhaan (penalty) Arsenal injifachuun bara lama walitti aansee mootii kilaboota Awurooppaa ta'ee jira.
27/05/2026
Shaampiyoonummaa Arsenal sababeeffachuun ergaa baga gammaddanii kan dabarse leenjisaan diddiimotaa Arne Sloot, baga gammaddaniif waan kaayyeffate hin fakkaatu. Haala tapha Arseenaal baranaa qeequurratti fuulleffate. Kubbaawwan galchii ta'an keessaa %40 ol kan ta'u osoo hin taphatiin dhaabbataniima galchan jedhee ture. Garuu dhuguma Arseenaal tapha bareedaa hin taphatuu? Isatu reefu gara Premier League dhufeef malee jarri taphoota afaan nama qabachiisanii fi onnee jaalattoota kubbaa miilaa ittiin injifatan hedduu hin taphannee?
Taphoota babbareedoo maashina malee ilmi namaa akkanatti taphataq nama jechisiisu filannee toora irratti maxxansineerra daawwadhaa ottiin bohaara.
የአርሰናልን አጨዋወት ለሚተቹ የተመረጡ ምርጥ ምርጥ የአርሰናል ጎሎችን ተመልከቱ!
https://vt.tiktok.com/ZSxXwoSMa/