27/05/2026
Hubannoof
Miseensonnii Kenya hojiiwwaan hojeetama jiraan
kaara tooraa telegramiif midiyaa Hawaasan jajjabeeffamuu waan qabuf damaqiinaan beeksisaa
2ffaa Ammas Dhimmii Oddeeffannoo Kessaaf Alaa jedhamtanii miseensii Dursa Garee oddeeffannoo taatanii Gabaasa qulqulluufi Sa'aattii isaa Egatee Gabasaa
3ffaa Godinalee.Magaalafi Aanaan Dursa odeeffannoo irraattii miseensa midiyaa fayyadamuu hin dandeenye Ramadaanii Mgnt kessaanin ilaaltani Sirreessuu qabduu ykn hojeetafi hojeechisaa wal simsiisuu
Fuldurii Kenya Ifaa
15/05/2026
Oddeeffannoo Kessaa jennee waarii isiin Caaseffamee Ammas Hojii kessaa hin jirtaani
Hoggaansii Nama midiyaa Hawaasa fayadamuu gochuu qaba Koomishinniin Kenya yeroo Ammaa kana Nama Akkasii Barbadaa
11/05/2026
Kutaa Oddeeffaannoottif
Miseensii Kenya kutaa eegumsaafi Oddeeffaannootti Ramadamtanii jirtaan Gabasaa Soba irraa Of qusaadha
fkn.
Mana Sirreessaa Aanaa Aallee
yeroo Darbee mucan bobba'insaa irraattii ramadamee sirreeffama bakka galiitti mallateessee ergee ofiis isaa dabaree eegumsaa irraa olee
miseensii tokkoo dabaree ergaa galee sirreeffama mallateessee akkami basaa ofii bobba'insaa rawaata ofi dabaree mallatessaa.yakkaa sadaffaa sirreeffama mallateessee ergaa
mana bankii.mana yaala ofii geessuun
faayidaadhan wal qabatee gowwoomsuu
inni biraa sirreeffama bakka galii jiruu waraantii geessuu
sirreeffama sirreeffamera.Amala kaleesa kessaa ba'ee of jijjireera kan jedhamuu koreen ergaa ilaale Akka hikamuu godhee booda
garuu sirreeffama seera tokko hikaafi qindeessaa akkasumas dursan dabaree waligalaanii bakka sirreeffama hin jireettii humna irraa hirrisaanii waraantii geessaanif
eenyuu geessee?
eenyutuu Hikee?
sanbata xiqqaa darbee 01/09/2018 sababa galittin wal qabsisanii sirreeffama magaala kessaa olchaani hoteela irraa dedeema kan olee miseensa Aallee maqaa bobba'insan meeshaa waraana qabataani Abba qabeenya basaani hoteela olaanii
kamifuu kutaan Oddeeffaannoo Aanaa Aallee gabaasa sobafi nama midiyaa bekte hin fayyadamnee achii ramaduun sirrii hin turee.
miseensii godinaf Aanaa irraa jirtaan Gabasaa kaara kutaa oddeeffannoo Amma saati 12 qofattii ta'uu qaba malee miseensii kamiyyuu sa'aattii jedhameen alaa Akka qabasnee
05/07/2025
Hordoftoonni Amantaa Kiristaanaa baga jala bultii Ayyaana Faasikaa bara 2017 nagaan geessan!
Ergaa Baga geessanii Komishinara Komishinii Manneen Sirreessaa Oromiyaa Komishinar Shaafii Husee fi It/A Komishinaraa Komishinii manneen sirreessaa Oromiyaa Gr/"Komi Ijaaraa Gaarradoo
Kabajamtoota Hoggantoota Manneen Sirreessaa Keenyaa Kabajamtoota Miseensota Poolisii Fi Hojjattoota Siiviilii Komishinii Keenyaa Kabajamtoota Hawaasa Mana Sirreessaa Sirreeffamtoota Seeraa fi Maatii Sirreeffamaa Seeraa baga jala bultii Ayyaana Faasikaa bara 2017 nagaan geessan!
Ayyaanni du'aa ka'uu Gooftaa Iyyesuus Kiristoos hordoftoota Amantaa Kiristaanaa biratti ayyaana guddaafi kabajamaadha!
Guyyaan kun, guyyaa yaadannoo gooftaan Iyyesuus Kiristoos waadaa fayyinaa dhala namaatiif gale mirkaneessuuf gidiraa gidiraan olii arguun; fannoorratti fannifamee, du'ee du'a moo'achuun ka'uun; waanjoo cubbuufi du'a dhala namaarraa diiguun; dhala namaa dukkanaa gara ifaatti; du'arraa gara jireenyaatti ceesisuun; guyyaa fayyinaafi haraara itti labse kan ittiin yaadannudha!
Namni ulfinaa fi kabaja guddaaf uumamuu isaa dagatee daabiloosiin gowwomfamee abboommii uumaa isaa cabsuun Jannata keessaa ari’ame. sanaan booda Ayyaanni Waaqayyoo tolaan ilmaan namootaaf kennamee tures irraa mulqamee duuti bara baraa ilma namaatti murtaa'e.
Waaqayyoo uumaan cubbuu ilma namaaf jecha uumama harka isaa irraa dhalachuun ilma namaa bade barbaacha gadi of deebisee salphina uffachuun jaalala ilma namaaf qabu fannoorratti agarsiisuun dhiiga isaatiin cubbuu ilma namaa haqe.
Guyyaa dhiifamuu cubbuu dhala namaaf aarsaa Gooftaan Iyyesuus Kiristos Fannoo irratti kaffale kun hordoftoota amantaa Kiristaanaa biratti waggaa waggaadhaan yaadatamuun ayyanichi sagantaa garaa garaan kabajama.
Hordoftoonni Amantaa kiristaanaa Ayyana kana yeroo kabajan Nageenya Manneen sirreessaa Mirkaneessuun kan dhukkubsate gaafachuun; kan rakkate gargaaruun; kan beela'ee beela baasuun; kan dheebote dheebuu baasuun; kan daare daara baasuun, jaalaafi tokkummaadhaan; ulfina guddaan ayyaana kabajanidha.
Ayyanni du'aa ka'uu/Faasikaa/ hordoftoonni amataa kiristaaanaa yaaddoo malee gammachuun akka kabajaniif Mooraa Manneen Sirreessaa Nageenyaa Amansiisaa Akka Qabaatu Gochuudhan maatii sirreeffamaa Seeraa Aabbootii amantaa Sirreeffamaa Seeraa Ayyaana Wonjiin Dabrsuuf Gara mooraa keenyaa dhufan Kan duraa caalaa Haala Gaariidhan Simachuudhan Akka Ayyaana Gaarii akka isiniif Ta'u Hawwii keenya
Ayyaanni Kan nagaa,
kan jaalalaa,
kan Gammachuu,
kan Tokkummaafi
Kan Woloomaa
kan Badhaadhinaa akka isiniif ta'u hawwii gaarii qabu isiniif ibsa!
Ayyaana gaarii!
Komishinara Komishinii Manneen Sirreessaa Oromiyaa kabajamoo Komishinar Shaafii Huseen fi
It/A Komishinaraa Komishinii Manneen Sirreessaa Oromiyaa G/Komi Ijaaraa Gaarradoo Ayyaana Gaarii
_Commission_Communication Follow Like Share
22/02/2025
Rakkoo Hoggaansaa Kanneen qaban yeroo Dhiyoottii Tarkaanfiin Irrattii fudhatamaa