02/11/2025
"Mootummaan qaamolee rakkoo Siyaasaa qabna jedhan kamuu waliin mari'achuun furuuf qophiidha!"
Ministira Muummee Itoophiyaa
Dr. Abiyyi Ahimad
Odeeffannoo Dabalataa Argachuuf;
Facebook https://www.facebook.com/share/p/176UpcxWnK
Website: https://www.oromiacommunication.gov.et
------
Twitter: twitter.com/OromiaBureau
------
Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
TikTok: tiktok.com/
What app=
https://whatsapp.com/channel/0029VbAXcNtAu3aRrGAUuV28
------
kallachaOromia: https://m.facebook.com
---
You tube: https://www.youtube.com/
-------
13/07/2025
Sonawwan Gaggaarii Jabeessun Ibsituu Addaa Paartii Badhaadhinaati!
___________
Mootummaan Paartii Badhaadhinaatin durfamu rakkoolee ariifachiisaa uummataa adda baasudhaan waloomina cimsuu karaa danda'uu fi dandeettii ummataa yeroo kamiyyuu caalaa haala tokkummaa isaa guddisuu danda'uun qindeessuun milkaa'ina argamsiisaa jira.
Erga jijjiiramni dhufee as, Paartiin keenya hojiiwwan namoomaa irratti xiyyeeffataniif dursa kennuudhaan, waloomina, waliif yaaduu fi wal-gargaaruu giddu galeessa karaa godhateen, akkasumas taateewwan namoomaa hedduu raawwateera; raawwachaas jira.Keessaayyuu, hojileen haaromsaa fi manneen namoota harka qalleeyyii ta’aniif hojjatamaa jiran adda durummaan kan eerramaniidha.
Hojii gaarii kanaan, itti jiraachuuf nama hin dandeechifne,ol qabamanii akka haaromfaman ta'aniiru; maatiin yeroo gannaa roobni, bona aduudhan rakkachaa turan jireenya boqonnaa qabu jiraachuu eegalaniiru.
13/07/2025
"Alergii bunaa bara bajataa darbe raawwatame keessaa %77.5 Oromiyaarraa argame"
- Obbo Geetuu Gammachuu
**************
Gaazexaa Bariisaa
Qorannoo raawwii hojii Paartiifi Mootummaa bara 2017 Magaalaa Adaamaa, Galma Abbaa Gadaatti gaggeeffamaa jirurratti raawwii bara 2017fi karoora bara dhufuu ilaalchisuun Biiroon Qonnaa Oromiyaa miidiyaaleef ibsa kenneera.
Hogganaan biirichaa Obbo Geetuu Gammachuu ibsa kennaniin karoorri bara 2017 akka milkaa'uuf qindoominni seektarootaafi caasaa gandaa shoora olaanaa taphateera jedhan.
Bara 2017tti hojiiwwaniifi inisheetivota qonnaa guguddoo qabamaniiniin milkaa'inoonni hedduun argamaniiru jedhanii; kallattiifi qorannoon mootummaan naannichaa kennaa ture bu'ura milkaa'inoota kanneeniu ta'uu himan.
Keessumaa hojiiwwan xiyyeeffannoo addaatin hojjetamaa jiran keessaa misoomni qamadii bonaa gannaan hojjetamaa turan ijoo ta'uu himanii; kanaanis harka ormaa eeguurraa gara darbanii namaaf ta'uutti ceeneerra jedhu Obbo Geetuun.
Omisha qonnaa teknolojiidhaan deeggaruun qonna roobarratti hundaa'erraa ba'uudhaan omishni jallisii bal'inaan akka hijjetamu paampiiwwaniifi tiraaktaroonni hedduun qonnaan bulaa bira akka ga'u bara ittitaasifameedhas jedhan.
Garbuu biiraa biyya keessatti omishuun fayyadamummaan warshaalee biiraa biyya keenyaa akka dabaluufi baasiin kana dura alatti bahaa ture akka hafu taasisuurrattis milkaa'inni guddaan argameera jechuunis eeraniiru.
Gama biraatiin omisha ruuziirratti hojii xiyyeeffannoo guddaadhaan hojjetameen barana lafa hektaara miliyoona 1.5 irratti omishuudhaan bu'aan kuntaala miliyoona 53 ol ta'u argameera jedhan.
Kanamalees omisha baala shaayitiin godinaalee sadii, Jimma, Bunnoo Beddelleefi Iluu Abbaa Boorirratti jalqabameen bu'aan abdii guddaa namatti horu mul'ateera jedhanii; haala kanaan ittifufnaan biyyi keenya omisha baala shaayitiin wanti sadarkaa tokkoffaa qabachuurraa ishee dhorku akka hinjirre ibsaniiru.
Damee bunaatiin lafti omisha bunaatiin uwwifamu bara baraan dabalaa kandhufe yoo ta'u, kanaanis hojii qulqullina giddugaleeffachuun hojjetameen alergii buna biyyattii keessaa dhibbantaan 77 buna naannoo Oromiyaa ta'uu Obbo Geetuun ibsaniiru.
Walumaagalatti bara hojiiwwan qabeenya uumamaa kunuunsuu, daagaa hidhuu, biqiltuu dhaabuu, kompostii uumamaa qopheessuu, horsiisa beelladaafi kkf hojjetamaniin bu'aawwan lakkaawamanii hindhumne argamuus kaasanii; bara dhufu cimina keenya ittifufsiisnee inisheetivota haaraa biroos daballee kana caalatti haala naannoofi ummata keenya madaaluun nihojjenna jedhaniiru.
Dajanee Bulchaatiin (Adaamaa)
13/07/2025
"Daldala seeraan alaa sirreessuun bara bajataa 2018tti karoora galii keenyaa nimilkeessina"
* Bara bajataa 2017tti qarshii biliyoona 200 oltu sassaabame
- Obbo Tasfaayee Tulluu
*************
Gaazexaa Bariisaa
Bara dhufu qarshii biliyoona 287 ta'u galchuuf karoorfachuu Hogganaan Biiroo Galiiwwanii Oromiyaa Obbo Tasfaayee Tulluu qorannoo raawwii hojii Paartiifi Mootummaa bara 2017 Magaalaa Adaamaatti taasifamaa jirurratti ibsa addatti miidiyaaleef kennaniin beeksisan.
Bara bajataa xumurametti galii akka karooraatti qabame biliyoona 205.5 keessaa biliyoonni 200fi miliyoonni 150 sassaabamuu himanii; kunis raawwii dhibbantaa 97 agarsiisa jedhaniiru.
Milkaa'inni kun kan baroora darbaniirra fooyya'iinsa guddaa qabaatus akka poteenshaala naannoon keenya qabeenya uumamaa, qonna, humna namaa, turiizimii, industirii, sochii dinagdeefi invastimantiirratti qabduun yoo ilaalame garuu gahaa miti jedhu Obbo Tasfaayeen.
Kanarraa ka'uun bara dhufu kanatti potenshaala naannichi qabu hunda duguuganii fayyadamuuf hojiiwwan naannichaaf galii argamsiisanirratti xiyyeeffannoo kenninee nihojjenna jedhan.
Ragaa kaffalaa gibiraafi ragaa kuufamaa dabalatee ragaawwan bu'uraa galii sassaabuuf gargaaran kanneen biroo adda baasanii beekuun akkasumas kaffalaa gibiraa haaraa kuma 38 uumuun gara saaphana taaksiitti galchuun danda'amuufi hoggansi hundi galii walitti qabuuf hojii ijoo taasifatee ba'uudhaan qindoominaan hojjechuun ciminoota bara darbe mul'atan keesaa muraasa ta'uu Obbo Tasfaayeen kaasaniiru.
Haa ta'u malee bara darbe kanatti daldalli seeraan alaa keessumaa magaalaatti taasifamuufi gurgurtaan nagaheen ala taasifamu galii naannichaarratti qormaata ta'aa turuu kaasanii bara dhufu kanatti Biiroo Daldalaa Oromiyaa waliin ta'uun sirreeffamasaarratti cimnee hojjennee galii naannichaa sadarkaa barbaadameen gahuuf karoorfanneerra jedhan.
Dajanee Bulchaatiin (Adaamaa)