25/04/2026
🚨 Wiliyaam Saalibaa: "Tasgabbaa'uu qabna jedheen yaada. Dirree irrattis du'uu qabna.🔥
"Amma deemuu qabna, nama hunda nu barbaachisa: deeggartoota, garee, hojjettoota. Sababni isaas amma gochuu qabna. ⚔️
16/01/2026
Wiliyaam Saaliibaan Gabri'eel Magalhães irratti
"Yeroo ammaa kana taphatoota ittisaa sarara duuba addunyaa kanarraa hunda caaludha, garuu waancaa tokkoon mirkaneessuu qabna, sababiin isaas nuti hunda caalu jechuun fi yoo homaa hin injifanne jechuun gatii hin qabu."
"Yeroo waancaa injifachuu qabnu keessa jirra. Yeroo hunda dhuma bara dorgommii irratti waancaa dhabuun nuffisiisa, kanaaf bara kana walnyaatinsa hunda caaludha jechuu dandeenya sana booda waancaa injifanneerra jechuu dandeenya, hafuura baafachuu dandeenya."
08/11/2025
🚨🚨Breaking....Gabri'eel ji'a 8 booda gara leenjii garee Arsenaaliitti debi'ee! 🤩🇧🇷
08/11/2025
Maanchistar Yunaayitid daqiiqaa 96ffaa irratti goolii galchuun qabxii tokko qooddateera.
Tapha akkamii!!!
06/11/2025
🗣Leenjisaan Cheelsii duraanii Joozee Mooriinihoo Arsenaal irratti:
"Dhugaa dubbachuuf Arsenaal kilabii guddaa Landan ta'uun isaa gaaffii hin qabu. Piriimiyerliigii Ingiliiz keessatti seenaa namni biraa hojjete hin beekne hojjeteera, kunis addunyaa irratti Piriimiyerliigii injifachuun isa jalqabaa ta'uudha. Seenaan sun rikoordii addunyaa ta'ee hafa."
🎙 Joozee Mooriinihoo itti fufuun, "Osoo yeroo kanatti carraa Arsenaal fi Cheelsii leenjisuu argadheera, Cheelsiin mana koo durii ta'us sababa Arsenaal gadhiisuuf hin qabu ture."
Joozee Mooriinihoo 🙏🙏🙏❤️
04/11/2025
🎙David Doudera, urjii Slavia Prague, tapha har'aa dura Arsenaal irratti:
🗣"Arsenal yeroo dhiyoo asitti garee baayyee gaarii ta'eera. Gareen Arsenaal amma jiru garee hundarra gaarii FIFA irratti fayyadamuu dandeessanidha..."
🗣"Yeroo ammaa kana gareen kamiifuu Arsenaal injifachuun qormaata guddaa fi hojii baay'ee ulfaataadha. Dhugaa dubbachuuf yeroo ammaa kana akkana jechuu dandeessu dadhabina tokkollee hin qaban. Foormii fi foormii guddaa irra jiru. Taphi kun nuuf qormaata ta'us isaaniif tapha salphaadha."
🗣"Har'a dirree irratti bu'aa ajaa'ibaa argatu jedhanii tilmaamuun nama rakkisa. Isaan dinqisiifachuu dhiisuun hin danda'amu. Arsenaal garee baay'ee ulfaataadha akkuman jedhe. Yeroo isaan waliin taphattu yoo dhiibde ykn taphatte dirree irratti faayidaa guddaa isaaniif kenna. Yeroo isaan waliin taphattu of eeggannoo gochuu qabda. Yoo sekondii tokkoof dogoggorte irra deddeebi'ee si adabu."
🗣Itti dabaluunis, "Obboleessa koo waliin FIFA taphata, taphattoota Arsenaal hunda garee kootiif nan bita, sababiin isaas isaan [Arsenal] garee nama hin amanne waan ta'eef."❕
01/11/2025
🏴Torbaan 10ffaa Piriimiyerliigii Ingiliiz
⌚️Xumurameera
Burnley 0-2 Arsenal injifate
15'.
35'.
01/11/2025
Arsenal riikardii haaraa galmeesse!
Arsenal seenaa Piriimarliigii Ingiliiz keessatti ji'a 1 keessatti taphoota 6 taphachuun gooliin tokkollee osoo itti hin galiin taphoota jahanuu injifachuun riikardii haaraa galmeessee jira.
Carraan Arsenal Piriimarliigii baranaa kaasuu danda'u parsantii meeqa ta'a jettu?
01/11/2025
Garaagarummaan qabxii Liivarpuul fi Arsenaal torbee 5ffaa Piriimiyerliigii Ingiliiz booda fi garaagarummaan qabxii amma qaban kana fakkaata.
01/11/2025
🗣️- Leenjisaan Cheelsii Enzoo Maareeskaan:
"Yeroon kornaa irraa goolii galchu akkamittan kornaa jalqabaa argadhe? Tapha banaa irraa akka gaariitti waanan taphadheefi irra deddeebi'ee haleellaa waanan godheef waan ta'eef, tapha banaa irraa akka gaariitti yoo duulte carraa kornaa argachuu qabda."
''Kornaa irraa goolii galchuun qaama kubbaa miilaati,'' jedheera.